Posts about Guyyaa Yaadannoo Gootota Oromo written by OromianEconomist. Filateera.Moggaasni maqaa mannee keenyaa irri jireessi maqaa jaallan wareegamtootaadha. ![]() Contents • • • • • Seenaa Isaa [| ] Baaroo Tumsaa bara 1942 Lixa Oromiyaa godina naannoo ganda karkarroo jedhamtu keessatti abbaasaa obbo Tumsaa Silgaa fi harmeesaa aadde Naasisee Ciratoo jedhaman irraa dhalate. Abbaansaa fi harmeensaa walitti aansuun du’aan irraa adda baanaan Baaroon obbolootasaa lamaan Raaheel fi Nagaasaa Tumsaa wajjin mana duwwaa keessatti hafe. Yeroo sanatti obboleessi isaa hojiidhaan magaalaa keessa jiraachaa waan turaniif, qophummaa obboleessasaanii jibbuudhaan dhaqanii bakka jiraatan magaalaa isa fidan. Nintendo emulator for psp. Barnoota Isaa [| ] Baaroon barumsa isaa sadarkaa tokkoffaa fi lammafaa achuma magaalaa erga xumuree booda, barumsasaa sadarkaa olaanaammoo kolleejjii argamurraa xumure. Itti aansuudhaan seenudhaan barnoota faarmaasiistiin digirii jalqabaa bara 1966tti fudhate. Itti fuufuudhaan utuu hinturiin yunivarsiitichumarraa seeraan digiriisaa jaaalqabaa fudhate. Baaroon egaa turtiisaa yunivarsiitii keessatti barattoota jijjiirama barbaadanii wajjin waliigaluudhaan sochii cimaa taasisaa ture. Barattoota kutannoodhaan saba isaaniif qabsaa’aa turanis sadarkaa garaagaraatti ijaaraa ture. Ijoolleen muummee barnoota addaa addaarratti ramadamtee akka biyyaasheef hojjechuu qabduttillee gurmeessaa ture. Bara 1964-1965 waldaa Yunivarsiitii kolleejjii Finfinnee irratti pirezidaantii ta’uudhaan hojjete. Bara 1966 immoo waldaa waliigaltee barreessaa ta’uudhan hojachaa ture. Qabsoo Keessa Seenuusaa [| ] Baroota kana keessatti baay’inni barattoota yuunivarsiitii keessatti haa xiqqaatuyyuu malee, warruma jiran kanaa wajjin wal arguudhaan mirga uummata Oromoo kabachiisuurratti maree taasisaa tureera. Wal’aansoon barattoota yuunivarsiitiin jalqabame kun utuu hinturiin ifatti ba’uudhaan namoota hedduu sochooseera. Sochiin kunis kana qofaaf utuu hintaane, uummanni Oromoo akka inni mirgasaaf falmatuuf karaa baaseera. Baaroon itti fufuudhaan namoota paarlaamaa keessa hojjetanii wajjin wal argee mariyachuun warra akka wajjin ta’uun keessatti mormii fiyuudalizimii baadiyyaa keessattis baballisuun sochii mormii bara 1966 keessa turerratti haala mijeessuun shoora olaanaa taphatera. Magaalota kanbiroo keessatti yaada ‘lafti qoteebulaaf’ jedhu irratti dargaggoota hedduu gurmeessuudhaan bittaan warra nafxanyootaa akka gabaabbatu taasisuuratti gumaacha guddaa taasiseera. ![]() Wallaansoon bara 1966 ka’e kun duula guddina waliin jedhu uumee keessumaayyuu naannoo keessatti fudhatama argateera. Fudhatama argachuusaatiif sababnisaa Baaroo ture. Baaron goota humna dargaggootaa ijaaruun barbadeessuuf kutatee ka’e ture. Baaroon bara 1966 barnootasaa erga xumuree booda biiroo eegumsa fayyaatti miindefamee hojjechuu jalqabe. Waajjira kana keessa amma turetti loogii bara dheeraaf mana hojii sana keessaa ture qorachuudhaan qajeelfama ture sana jijjiiree namoota hedduudhaaf bu’aa ta’eera. Sobdootaafi warreen malaamaltummaadhaan jiraatanis qaanessaa tureera. Haalli Baaro ofi garee hojjetootaa kanaa namoonni itti hintolin Baaroo hojiirraa ariyani. Miindaasaarra ariyatamuun cinatti akka shororkeessituu addaatti fudhatamee tureera. Haata’u malee dabni irratti raawwate kun Baaroon wallaansoosaatti akkanni cimu isa taasise malee dugda duubatti isa hindeebifne. Yeroo mara mootummaan bara sanaa miidhaa dhoksaa waan taasisuuf, akka sabni walitti dhufanii mariyatan waan hinbarbadneef akka cufamu taasisaniiru. Kun kan isa gaddisiise Baaroon ummanni bakka maree akka hindhabneef jedhu uume.
0 Comments
Leave a Reply. |